✅ Memory Card ykn USB Flash keessan data ga’aa isiniif qabachuu didnaan Memory dabalataa bituu yaaddaniittu yoo ta’e isa dura ishee kana dubbisaa!
✅ Dhuguma! Yeroo hedduu Memory ykn USB Flash keenyatti Data gaafa itti daballu guutuun isaa hin oolu! Sa’aatii kanatti yaadni nuuf dhufu haaraa bituu dha! Malli amma isiniif agarsiifnu garuu yaada kana keessaa isin baasa! Mala kanaan 2GB hanga 16GB itti ol guddisuu dandeenya.
✅ Mala kana gadii hordofuun Memory ykn USB Flash keessan guddisuu dandeessu
✅ Waantota barbaachisan
PC ykn LAPTOP yommuu ta’u MEMORY ykn PEN DRIVE.
1) Moosaajii Sdata Tool.exe jedhamu Internet irraa buufadhaa. Yoo buufachuun isin rakkise comment irratti yaada nuuf katabaa isiniif maxxansuu nii dandeenya.
2) Erga buufattanii booda SDATA.zip buufattan Right click tuquun extract godhaa. Kanaa booda Sdata tool isa jedhu Run as administrator gochuun banaa.
3) Memory ykn Flash keessan sana Format gochuun PC itti suuqaa. Data barbaaddan yoo qabaattan Format gochuun dura PC itti Copy godhaa.
4) Drive guddisuu barbaaddan filadhaa.
USB keessan Drive E yoo ta’e E filattu jechuudha.
5) Sanaa booda 4GB, 8GB, 16GB filannoo jedhu isiniif kenna.
Fakkeenyaaf: Memory keessan 2GB yoo ta’e jalqaba 4GB itti guddistu malee takkaattii 16 itti guddisuu hin dandeessan. Dhuma irratti 4GB filattanii E-COMPRESS irratti Click gootu! 4GB erga nuuf ta’ee booda 8GB sanaa booda 16GB itti guddisna jechuudha.
✅ As irratti waanta dagachuu hin qabne tokko qabna. Memory ykn Flash erga guddifnee booda FORMAT gochuu hin qabnu
FORMAT goonaan gara Orginaala isaa itti deebi’a.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!