Yeoo hedduu namni bilbila nama biraa kan xalafu gaarummaadhaaf keessumaa ammo maatiin ijoollee isaanii hordofuudhaaf kan hojjetaniidha. Haata’u malee bilbila nama biraa xalafuun yakkaa fi kan hin gorfamne ta’us garuu maatii ijoollee isaanii hordofuu qabaniif bu’aa guddaa argamsiisee jira. Kunis waan bibila sana irratti ta’aa jiru, hojii bilbilli sun ittiin hojjetamu eessa akka jiranii fi waan hundumaa viidiyoodhaan kan nu tajaajilan application hedduutu jiru.Kana garuu fayyadamuu yeroo barbaannutti namootni ijoollee isaaniis tahu waanuma gaariidhaaf hamaaf kan hin taanee bilbila xalafan, bilbila xalafuu qaban sana lamaan irratti application kun jiraachuu qaba.
Application kanaaf nu fayyadu kanan isiniif kennuu barbaadu TrackView kan jedhamuudha. Egaan yeroo application kana fayyadamnu waantotni dursanii nu barbaachisan mobaayila keenya irratti application kana Email dhaan galmaa’uudha. Haata’uyuu malee bilbila nuti xalafuu barbaannu sun app kana hin qabu yoo t’e hordofuu hin dandeenyu bilbila hordofuu qabnu irraa application kun jiraachuun dirqama.
Akkuma olitti xuqame application kanaan bilbila ijoollee keenyaa, hojjettootaa fi firoota keenyaa hordofuudhaaf tajaajilli inni kennu bal’aadha yoo ilaalle viidiyoodhaan bakka ijoolleen keenya, hojjetootni dhaabbataa fi maatiiwwan firoota akkasuma jaalallee keenyaa hordofuu kan barbaachisuuf waan isaan hojjetaa jiran, bakka isaan jiran, eenyu waliin akka jiran, hojiirra jiruu fi hin jirree bifa viidiyootiin sa’atii kamittuu kan hordofuu dandeenya jechuudha.
Dabalataan mana keenya keessa jiraanne akka kaameeraa dhoksaatti bilbila tokko iddoo namni hin argine keenyee bakka barbaanne fageenya irra teenyee waan mana keenya keessatti ta’u hunda too’achuu kan dandeenyuudha.
Application kun faayidaa addaa kan inni kennu kan biraani fakkeenyaa app sana irraa direction bakka argama nama bilbila xalafuu barbaannees ta’u yoo bilbilli keenyallee bade bakka inni jiru baruudhaan location isaa kan agarsiisu map waliin kan nutti agarsiisuudha.
Bilbilli bade tokko bakka inni itti argamu map irraa ilaallee naannoo sana gaafa geenyummoo fakkeenyaaf hoteela keessa, konkolaata keessa, kaaffee keessas ta’u bakka tokko yoo ta’u bilbilli keenya kan ittiin bilbila bade xalafnee barbaadaa jirru gaafa itti dhiyaatu sagalee akka dhageesisu gochuu kan dandeenyuudha.
Waan kana hammeenyaaf akka goonuuf miti bilbilli keenya hattootaan hatame akka argannuuf, akkasuma bilbila hiriyaa ykn jaalallee keenyaa akkasuma bilbila ijoollee keenyaa ittiin hordofuu qofaaf faayidaa kan kennuudha.
Application biroon kan nu fayyadan kan biroon Sope Backup kan jedhamu fayyadamuu dandeenya. Inni kunis akkuma isaan kaanii bilbiloota namoota hedduu xalafuuf kan nu gargaaru garuu; fakkeenyaaf bilbila jaalallee keenyaa xalafuu yoo barbaanne bilbila ishee irratti app kana fe’uu qabna jechuudha. Inni kunis waantota hedduu karaa addaa addaatiin hordofuu dandeenya.
Waan namni tokko hojjetu bilbilaan waan dubbatte, waan nama biraa waliin yaada wal jijjiiruudhaan barreessaa oolte hunda too’achuu fi beekuu dandeenya jechuudha. Faayidaan biraa application kanaa Google Drive waliin walitti hidhuudhaan bilbiloota namaa kan nujalaa badellee argachuu dandeenya akkasuma dockumantii hedduu achiin kuusnee yeroo dheeraa kan nuuf taa’u akka hin badne goonee itti dhimma ba’uuf kan nu fayyaduudha. Yeroo galmoofnu email fi bilbila nu gaafata. Bilbila xalafuu barbaannu sana irraa waan hundumaa kan keessatti kuusu Google Drive waliin walitti hidhuuf kan nu gargaaru Email nuti ittiin galmoofneedha. Isa kanaaf email nu barbaachisa. Egaa waantoa kana hammeenyaaf akka dhimma itti hin baane wal gorsina.Dabaaf kan goonu yakka ta’uu isaa hubachuu qabna. Galatoomaa!