✅Memory card hojii ala ta’e jechuun kan mobaayila keessatti hin dubbisne, yoo dubbises sirnaan kan hin hojjenne Akkasumas faayila erguu, fudhachuu fi haquu kan didedha. Memory card’n akkanaa yoo jiraate CMD kompiitaraa fayyadamuun sirreessuu ni dandeessu.
✅ Garuu faayilli keessan achirra jiru copy ta’uu ni dida yoo ta’eef faayilicha dhabuu keessanidha. Sababni isaas memorichi format ta’uun dirqama waan ta’eef. Fayyadamtoota kompiiataraa kan taatan Memory card akkanaa CMD fayyadamuun hojiitti deebisuu ni dandeessu. tartiiba armaan gadii sirnaan hordofaa:
Step1: Meemooricha reader keessa galchuun ‘USB port’ kompiitaraatti galchaa.
Step2: ‘My computer’ kan jedhu keessa seenuun memorichi akka dubbise check godhaa. Yoo hin dubbisne ta’e port birootti galchuun yaalaa.
Step3: Start gootanii CMD barreessuun search godhaa. CMD isiniif dhufe seenuun ‘Enter’ godhaa.
Step4: ‘Disk Part’ jettanii barreessuun enter godhaa.
Step5: ‘List disk there’ jettanii barreessuun enter godhaa.
Step6: List isiniif dhufu keessaa memory card keessan lakkoofsa isaa wajjiin isiniif fida.
Step7: Select disk _(bakka duwwaa irratti lakkoofsa memory card irra jiru barreessaa). Fknf, lakkoofsa 3 irra jira yoo ta’e, ‘Select disk 3’ jettanii barreessuun enter godhaa.
Step8: Clear jettanii barreessuun enter godhaa.
Step9: Create partition primary jettanii barreessuun enter godhaa.
Step10: Active jettanii barreessuun enter godhaa.
Step11: format fs=32 jettanii barreessuun enter godhaa.
Step12: Sekoondii muraasa booda memory card keessan format ta’a. Kana booda akka memory haaraatti fayyadamuu dandeessu jechuudha.
✅ Galatoomaa, Hiriyyoota keessanif sheer godhaa.