✅ Suuraawwan marsaalee miidiyaa irratti maxxanfaman dhugaa ta’uu isaa haala kamiin mirkaneeffachuu dandeenya kan jedhuuf furmaanni argameera.
✅ Yeroo kanatti rakkoo biyyattiin keessa jirtu da’oo godhachuun, suuraalee rakkoo biyyoota birootti ta’an akka waan biyya kanatti ta’aniitti namoonni tokko tokko suuraalee sobaa yoo fayyadaman ni mul’ata. Kana akkamiin adda baasuu dandeenya karaa salphaan bilbiluma keenya fayyadamuun kan jedhu isiniif qoodna.
Step armaan gadii kana hordofuun dhugummaa isaa adda baasuu dandeessu.
Step1: Jalqaba suura mirkaneeffachuu barbaaddan sana gallery keessan keessatti “save” godhattu.
Step2: Sana Booda “Google Chrome” seenuun linkii ykn Hidhaa gadii kana bantu.
http://www.google.com
Step3: Tuqaalee sadan gubbaarraa tuquun gara Desk top site itti geeddartu.
Step4: Iddoo images jedhu tuqaa. Sana booda Booda mallattoo kameera sana tuquun suuraa mikaneeffachuu barbaaddan sana itti ergitu (uplaod) gootu. Sana booda waa’ee suuraa sanaa ibsa guutuu isiniif fida jechuudha. Yoo ifa isiniif hin taane, Suuraa olii ilaaluun hubachuu dandeessu.
➕ Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa.