Akkamittiin Jaalallee Dhugaa Argachuu Dandeenya?

Bara kana kun naaf taati ykn naaf ta’a, kun immoo naaf hin taatu ykn naaf hin ta’u jenna malee nuti mataan keenya eenyuuf akka taanu eenyuuf immoo akka hin taane adda baafannee hin beeknu.

Jaalachuunis jaalatamuunis carroomuudha. Lafa kana irra nama jaalallee dhugaa argate malee carraa qabeessi boqonnaa qabu hin jiru. Jireenyi tirannaa har’a tokko waliin, bor immoo kan biraa waliin dhaabbachuun bor dhalaa fi jireenya ofirratti abidda  qabsiisuu namatti fida. Haadhoolii fi abbooliin keenya jireenya isaan kaleessa dabarsan irratti hundaa’uun haala ittiin jaalala dhugaa jaalachuu fi jaalatamuun danda’u waan kana shanan nu gorsu.

1. Waaqayyoo Galateeffachuu.

Waanti Akka nama galateeffatuu sammuu isaaf bilisoomaan hin jiru, dursaa fi booddee isaaf hirkoo rabbiin kaawwateera. Haala gaariis ta’u badaa isa mudatu hundaaf Yaa Waaqa Uumaa Galata kee jedhee barraaqasaa jalqaba. Yoo Galateeffannu waan jireenya keenyatti hir’ate dhabna. Hir’uun dhibee miti garuu waaqa uumaa irratti abdii godhanna. Yeros waan barbaannu hafan abdiidhaan suuta suuta arganna. Nama waaqayyoon Galateeffatu kan barbaadu nama afaan isaa irra galanni hin dhibne, bakka galataa nama jirudha. Gaafa galateeffattu, kan galateeffatu argata jaalala galata qabu, maatii galataa, biyya galataas uumta. Kana ta’uu kan caalus aduu gadis aduu olis hin jiru.

2. Fakkeessuu Dhiisu.

Akka nama fakkeessuu jireenya isaaf raafamaan hin jiru. Bakka tokkotti adii bakka tokkotti immoo gurraacha ta’a, otuma joonja’u gurraachis adiinis amala isaa sirrii wallaalee bira darba. Yookiin adii yookiin gurraacha ta’i malee hin fakkaatiin. yoos kan ati fakkaattu dhufee si fakkaata. Kanaan ala garuu bor makaa adii fi gurraachaa taate jiruu daalee jiraatta.

3. Qulqulluu Ta’uu.

Kan jiraannu dachee nuffamtuu kana irra al takka qofadha, yoom akka duunu illee hin beeknu. Umurii gabaabdu kana gammadanii abukaattoon sobaa otuu nama hin barbaachisiin of ta’anii dukkanaa fi ifa, qulqullootaa fi cubbamoota, gammadoo fi gadditoota, hamootaa fi gaarii yaaddota, du’otaa fi ajjeestota keessa jiraachuun kan danda’amu yoo qulqullaa’ani dha. Kan qulqulluu ta’e namaafis waaqa birattis qaaliidha. Kan qaalii ta’emmoo yeroo kamuu qaaliidha. Yoo qaala’an malee immoo nama qaalii argachuun ulfaataa dha. Qaala’uuf immoo waaqa, nama, ofis kabajuun, safuu eeguun, salfachuun dirqamadha.

4. Gad of Qabuu.

Waanta hin qabne miti akka si jajaniif jettee waan qabdu iyyuu namatti hin odeeffatin. Kan qabdu hiyyummaan kee, soorummaan kees, fayyummaan kees, dhukkubni kees, kanuma keeti. Hanga kan kee ta’etti itti dabaltees irraa hir’istees yoo haasofte ati nama akkanaa dha jedhamta. Ati nama akkanaa dha jedhamuun kee immoo karaawwan gaggaarii jireenya kee keessatti dhufan si jalaa haqa. Gad of qabummaan, danda’uun, obsuun, bakka siif hin malletti callisuun amala siif haa ta’u.

5. Of Gammachiisuu.

Ofiif namni gammachuu hin qabne, namni biraa na waliin yoo hariiroo uume nan gammada jedhee yaaduun waanuma hin fakkanne dha. Jalqaba of ilaali ani eenyu waantan qabuun haala kamiin gammachuu argachuun qaba jedhi. yeros atis kan ofitti gammaddu argattee, gammadaa taate jiraatta.

Yoo kana hunda goote nama si jaallatu barbaadda otuu hin taane ni barbaadamta carraa qabeessa ykn carraa qabeettii waaqayyo siif erge qofaatu si argata.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!
Hiriyyoota keessaniif Share Godhaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *