Telegramii fi Hojii Business Telegram irraatti gaggeessuu.

Telegram fayyadamnu kanaan hojii business ykn hojii daldala salphaatti gaggeessuu akkamitti dandeenya?

Telegram jechuun appii biyyoota addunyaa guutuu keessatti jaallatamummaa guddaa argate ta’ee, ergaa battalaa (Instant messaging) ittiin erguuf kan gargaaramnudha. Sababni jaallatamuu aappii kanaaf sababa ta’e keessaa tokko daataa xiqqaa fayyadamuu waan dandeenyuufidha.

Telegram bilbila keenya irrattis ta’e kompiitara keenya irratti akkaawuntii bilbila keenyaa waliin walqabsiisuudhaan fayyadamuu dandeenya.

Telegram biyya keenya keessatti apps instant messaging biroo caalaa baay’ee jaallatamaadha, kanaaf dhaabbilee daldalaaf faayidaa guddaa qaba.
Dhaabbileen daldalaa karaa adda addaatiin itti fayyadamuu danda’u.

  1. Chaanaalii Telegram uumuudhaan.

Namni Telegram irratti account qabu kamiyyuu chaanaalii uumuu ni danda’a. Akkasumas hordoftoota 200 jalqabee quunnamtii isaa irraa daangaa malee itti dabalee subscriber hedduu argachuu danda’a. 200 ol garuu namoota quunnamtii isaaf ergaa erguun akka subscribers ta’an affeeruu danda’u. Wanti barbaachisaan chaanaalii uumuu qofa osoo hin taane, tajaajila ykn oomisha jiru yeroo yeroon maxxansuun hordoftootaaf beeksisuun barbaachisaadha. Yoo oomisha ykn tajaajila beekamaa qabaatee fi dhiheessi isaa hawwataa ta’e salphaatti hordoftoota hedduu qabaata.

  1. Garee Chat Telegram uumuudhaan.

Kunis chaanaalii miseensonni itti chat gochuu danda’anii fi garee sanatti nama biraa dabaluu ykn add members gochuun nii danda’ama. Bulchitoonni garee kanaa qabiyyeen hin malle akka hin maxxanfamne hordofuu fi mirkaneessuu qabu.

  1. Bot Telegram

Telegram bot jechuun akkaawuntii Telegram kan software artificial intelligence qabuun hojjetudha; Bot kana channel ykn chat group keenya waliin walitti makuun hojii adda addaa akka nuuf hojjetu gochuu dandeenya.
Telegram daldala keenya beeksisuuf karaa salphaa waan ta’eef https://telegram.org/ seenuun itti fayyadamuu jalqabuu qabna.

Egaa telegramiin hojii daldalaaf faayidaa guddaa akka qabu hubattanii jirtu.
Waan Dubbistaniif galatoomaa hiriyyaa keessaniif Share godhaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *