✅ Yeroo flash disk tokko kompiitara keenyatti galchinu yoo flash disk’n sun vaayirasiin qabameera ta’e, vaayirasichi kallattiin kompiitara keenya keessa seenee kompiitara keenya akka hin hojjenne gochuu fi nu jalaa illee balleessuu danda’a.
➡ Akkamitti kompiitarri keenya flash disk kamiyyuu akka hin fudhanne cufuu dandeenya?
- Kompitara keenya seenuun This PC ykn My Computer isa jedhu irratti right click goona.
- Sana booda filannoowwan nutti dhufan keessaa Manage kan jedhu filanna.
- Sana booda Device Manager
- Sana booda, filannoowwan mirgaa irra jiran keessaa, Universal Serial Bus Controllers jalatti, xiyya gadi bu’aa ykn xiyya tarree ykn drop down arow cuqaasna.
- Sana booda extensible host controller irratti right click cuqaasna.
- waan nuuf tarreeffame keessaa Disable cuqaasna. Deebisuuf immoo Enable Device cuqaasna!
Amma laptop ykn desktop computer keenya flash, hard disk akka hin dubbisne cufnee jirra jechuudha.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!