Appilikeeshinoota Hakiingii ittiin Raawwachuuf Nu Gargaaran kana waliin wal baraa.

✅ Namoonni hedduun hakerii ta’uu barbaadu. haa ta’u malee hakerii professional ta’e, ta’uun barnoota isaan wal qabatan barachuu barbaachisa. Garuu osoo barnoota waa’ee isaan wal qabatu hin baratin, hakera ta’uun nii danda’ama. Kanaaf application’oota bilbila namaa xalafuu, WhatsApp nama xalafuu, Wi-Fi xalafuu, siistema tokko fageenya irra teenyee hordofuu fi kan kana fakkaataniif nu fayyadan Toorba isiniif qooduu jaallanneera! Isaaniis kanneen gadii kanadha.

  1. SpoofApp

✅ Appiin kun yeroo namaaf bilbillu lakkoofsa bilbilaa keenya dhoksuuf ykn lakkoofsa bilbilaa feene bilbila sana irratti mul’isuuf yookaan dhoksuuf nu gargaara.

  1. WhatsApp Sniffer

✅ Appiin kun immoo whatsApp waliin hojjata, hiriyyaa keessan isin waliin WiFi-hotspot tokko fayyadamu jalaa bilbiluma keenyaan suuraawwan, viidiyoo, ergaawwan fi sagalee gara garaa hatuuf/ilaaluuf nu gargaara.

  1. Kill Wi-Fi

✅ Akkuma maqaa isaa irraa hubannutti app kun Wi-Fi keessummootaa ajjeesuuf/cufuuf nu fayyada. akkuma beekamu yeroo heddu keessummoonni haaraa yeroo gara Wi-Fi dhufan, isaaniin keessaa ariinee ofii fayyadamuu dandeenya.

  1. NET CUT

✅ App kunis akkuma WiFi kill keessummoota ugguruuf nu gargaara. maal kana qofaree, App kun (WiFi-kill) caalaa kan namatti toluu fi qindaa’ina/settings baay’ee of keessaa qaba.

  1. FaceNiff

✅ Appiin kun namoota/keessummoota nu waliin Wi-Fi network tokko fayyadaman jalaa password (jecha darbii) facebook account hakii gochuuf nu gargaara.

  1. AndroRAT

✅ Gabaajee ‘Android Remote Administration Tool’ jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, siistama tokko osoo bira hin gahin fageenya irraa too’achuuf nu garagaara.

  1. Wibr+

✅ Password Wi-Fi yaallee hakii akka goonuuf nu fayyada. Appiin kun password yeroo barbaadu lakkoofsa, qubee fi mallattoolee gara garaa fayyadamuu danda’a.

✔ Appiin armaan olii hedduun isaa bilbiloota ‘root’ ta’an barbaadu. Appilikeeshinoota kana buufachuuf play store ykn APKpure keessatti maqaa isaanii search gochuun buufadhaa.

➕ Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa. Gaaffii qabdan comment irratti nuuf qoodaa.

Related Posts

2 thoughts on “Appilikeeshinoota Hakiingii ittiin Raawwachuuf Nu Gargaaran kana waliin wal baraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *