✅ Appilikeeshinii tokko malee bilbila Android ta’ee fi version isaa 7 ol ta’e irratti, bilbila keessan namni tokko fedha keessaniin ala waan isin bantanii itti keenitaniin ala akka hin ilaallee fi akka hin fayyadamne gochuu dandeessu!
Kana Gochuufis Step gadii kana duraa duubaan hordofaa:

Step1) Bilbila keessan keessaa Setting isaa filadhaa tuqaa! Itti aansuun security and location filadhaa, itti fufee screen pinning kan jedhu ON godhaa.

Step2) Waan bantanii namaaf kennuuf jettan sana banaa!
Step3) Achii booda bantuuwwan jala iskiriina bilbila keessanii jiran keessaa isa rog-arfee (overview button) tuqaa.

Step4) Yeros mallattoo waan ispiilii fakkaattu kan sagantaa bantan sana irra jiru tuqaa.

Step5) Mirkaneeffannaadhaaf akka itti keessaa baatan kan agarsiisu barruu agarsiisu irratti ‘got it’ kan jedhu tuqaa bahaa.
Step6) Yoo bahuu barbaaddan password galchaa ykn bantuuwwan rog-arfee fi rog-sadee wal faana tuqaa turaa!

Amma Xumurtanii jirtu, Bilbilli keessan icciitiidhaan hayyama keessaniin hidhamee jira jechuudha.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa! Hiriyyaa keessaniif Share gochuu hin dagatinaa.