Biloogiin maaliidha?Akkamitti jalqabuun danda’ama?

✅ Biloogiin toora marsariitii namni dhuunfaa yookiin gareen tokko yookiin dhaabbanni tokko yaada, ergaa isaa irratti karaa suuraan, barreeffamaan ykn viidiyoon irratti dabarfatuudha.

✅ Namoonni biloogii dhimmoota adda addaaf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf odeeffannoo dabarsuuf, ergaa Dhuunfaaf, beeksisaaf fi kkf. Biloogiin erga jalqabee waggoota 20 ol laakkofsiisee jira.

✅ Akka ogeeyyonni jedhanitti biloogiin jalqabaa bara 1994 barataa Justin Hall jedhamuun katabame, Innis qorannoo isaa maxxansuuf kan itti fayyadame yommuu ta’u, Ergasii as biloogiin haalaan babal’ataa dhufe.

Biloogii akkamitti eegalla?

✅ Biloogii dhuunfaa keetii eegaluu yoo barbaadde wantoota armaan gadii kanneen hubattee beekuu qabda.

➡ Gosa biloogii keetii murteessi:- kana jechuun, wanta barreessuuf dandeettii qabdu adda baastee beekuu qabda.
Fkf waa’ee fayyaa yoo ta’e fayyaa qofa irratti hojjachuu, ispoortii yoo tahe waa’ee ispoortii qofa irratti hojjechuu, oduu yoo ta’e oduu qofaa irratti hojjechuu, fi content mataa keessanii tokko filattanii irratti dalaguun dirqamadha.

➡ Maallaqa:- maallaqni kan si fayyaduuf wantoota biloogii keetiif ka’uumsa siif ta’an bituuf si garagaara. Fkf maqaa doomeenii ( domain name ), hoostii (host) ijaarsa biloogii (building blog) fi kkf.

➡ Yeroo:- biloogiin kee akka siif milkaa’uuf yeroo itti kennitee irratti hojjachuu qabda. Kanaafuu hojii kanaan milkaa’uu yoo barbaadde yeroo gahaa qabaachuu si barbaada!

☛ Barreeffama kanarraa waan gabaabaa hubattan jedheen yaada. Like fi share godhaa!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *