✅ Saanduqni roga afurii sochii gama hunda xiyyaaraa galmeessee ol kaa’uu fi yeroo balaan xiyyaara qaqqabu kamuu qorattoota xiyyaarichaatiin jalqaba irratti kan barbaadamu Black Box ykn Sanduqa Gurraacha jedhame beekama.
✅ Saanduqni kun balaa qaqqabuu kamuu dandamachuu danda’a. Black Box’n ho’a cimaas ta’e qorra cimaa meeshaa dandamachuu danda’u dha. Gubbinsa abiddaa cimaa ho’ii isaa Digirii Faranayitii kuma lama ta’e keessatti sa’aatii 1’f otuu hin gubatiin ykn rakkoon isa otuu hin mudatiin meeshaa turu danda’u dha.
✅ Meeshichii salphumatti miidhamuu kan hin dandeenye Gs 3400 oddeeffannoo kuusuu kan danda’uus of keessaa qaba. Kana jechuun Xiyyaarri tokko Finfinnee Boolee irraa ka’ee Buufata Xiyyaaraa Sa’oo Pooloo ga’e hamma deebi’uutti otuu wal irraa hin kutiin odeeffannoowwan akka Sochii Balaliisiisaa, Saffisa xiyyaarichaa, Ol ka’iinsa, haala boba’aa fi kkf qindeessee ol kaa’a jechuu dha.
✅ Black Box’n akkuma ho’a dandamatu, qorraas ni dandamata. Haaluma kanaan xiyyaarii tokko Garba ykn Bishaan keessatti yoo kufe oddeeffannoo galmeesse qabatee otuu hin balleessiin waggaa lamaaf tursiisuu ni danda’a. Kanaafiidha, Xiyyaarrii tokko yeroo rakkoon caccabuu ykn balaan irra qaqqabee sanduqni gurracha jedhamu kun hojii jalqabaa warra barbaaddootaa kan ta’uf.

Black Box akkamiin dalaga?
✅ Black box qaama xiyyaara keessatti dabalataan argamu yoo ta’u faayidaan isaa taatee xiyyaara kessatti ta’an kanneen akka hasawaa Pilot fi gargaara gidduu jiru, akkasuma altitude fi latitude xiyyaarri ittiin balali’aa turee fi kan kana fakkaatan waraabuuf fayyada.
Meeshaan “black box” jedhamu qaamota guguddoo lama of keessaa qaba:
- Flight Data Recorder (FDR) fi
- Cockpit Voice Recorder (CVR).
Qaamonni lameen kun commercial flight kam irratti kan argaman yoo ta’u, lameenuu balaan akka isaan hin qaqqabneef eegee xiyyaraa keessa golgaa sibilaa jabaa kan ta’e ( double-wrapped in titanium or stainless steel) keessa kaa’amu. Kunis balaan caccabuu yookaan gubachuu yoo xiyyaara mudate akka black box hin gubanne gargaara jechuudha.
Faayidaa qaamolee laman
sanii haa ilaallu”
- FDR (Flight data recorder)
Qaamni kun adeemsa xiyyarri yeroo balali’u godhu keessatti data ykn information gosa 700 ol funaane save godha.
Fakkeenyaaf: Ol fageenya xiyyarri itti balali’aa ture, ariitii qilleensaa, ariitii xiyyarichi ittin deemaa ture, fuel consumption fi kan kana fakkataan sa’atii 25 waliitti fufiinsaan waraabuu
dandaha.
- CVR (cockpit voice recorder)
Qaamni kun immoo sagalee waraabuuf fayyada. Innis hasawaa Pilot fi warraa ground technician waliin ta’aa ture, kan
gargaaraa xiyyaaraa waliin godhamaa ture, noise (jequmsa) naannoo sana ture, sagalee xiyyarichaa Wantoota dhaga’amu mara waraabee ka’aa jechuudha. (it tracks the
crew’s interactions with each other and air traffic control, but also background noise that can give vital clues to investigators).
✅ Kanaaf yeroo balaan uumamu qaamota kana lamaan walitti fiduudhaan qorattonni ka’umsa kufaatii xiyyaraa yookan gubachuu isaa bira
gahu jechuudha.
Yoo xiyyarri bishaan keessatti kufe ta’e hoo akkamin arguun danda’ama?
✅ Eeyyen kun bara 2016 dura rakkoo ture, amma garuu “black box” yeroo oomishamu qaama underwater locator beacon jedhamu ofirraa qaba. Qaamni kunis battaluma bishaan seenu cararii (signal) maddisisuudhaan bakka jiru computer tti himuu danda’a jechuudha. Technology kun bakka jiru kan nutti himuu
danda’u fageenya Kilometer 4 qofa irrattidha. Kanaaf nuti bakka xiyyarri itti kuferraa kilometer 4 ol fageenne jirra yoo
ta’e argachuu hin dandeenyu jechuudha.
Ulfaatinni isaa hammam ta’a jettanii yaaddu?
✅ Giddu galeessaan Black box tokko 2.27kg hamma 4.7kg dha, innis eegee xiyyaraa keessa kaa’ama.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!
Hiriyyoota Keessaniif Share Godhaa.