Bu’aa/Firii Qormaataa kan Kutaa 8ffaa ilaallachuu dandeessu.

✅ Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaata kutaa 8ffaa bara 2014 ifoomse.

✅ Bara barnootaa 2014tti barattoota kuma 451 fi 25 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa’an keessaa barattoonni kumni 443 fi 526 qormaaticha fudhataniiru.

✅ Barattoota qoramaata fudhatan walii galaa keessaa barattoonni kumni 421 fi 779 (95.09%) qabxii darbiinsaa argatanii gara kutaa 9ffaatti darbuu Hogganaa Ittaanaan BBO Obbo Girmaa Baay’isaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

✅ Naannawaa horsiisee bulaan ala qabxii darbiinsaa dhiiraaf 50 fi dubartootaaf 47 ta’uus himaniiru.

✅ Naannawaa horsiisiisee bulaatti immoo qabxiin darbinsaa dhiiraaf 47 yoo ta’u, dubaraaf 44 ta’uu fi qabxiin darbiinsa barattoota fedhii adda kan dhiiraa 44 fi dubaraaf 41 ta’uu Obbo Girman himaniiru.

✅ Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015 barattoota miiliyoona 11 ol barsiisuuf galmeessi kan eegalameen yoo ta’u, Fulbaana 9/2015 guutummaa Oromiyaatti barnoonni ni eegalama.

✅ Barana barattoota miliyoona 7.5 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaan fayyadamoo taasisuuf haal-dureen xumuramuus ibsaniiru.

✅ Barattoonni baasii gara garaaf osoo hinsaaxilamin qabxii darbiinsa isaanii karaa toora interneetii akka ilaallachuu danda’an biirochi ibseera.

✅ Barattoonni Firii qormaata keessanii ilaalachuu barbaaddan Bakka Check Result Jedhu tuquun ilaalladhaa.

CHECK RESULT

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *