Computer Jechuun Maal jechuudha? Akkamiin Hojjeta? Faayidaan isaa maali?

✅ Computer jechuun meeshaa waa tokko shallagu ykn compute godhu jechuudha.
Bara maqaan kun itti moggaafametti faayidaan kompiitaraa yeroo sana inni guddaan waa tokko shallaguudha.

✅ Haa ta’u malee yeroo ammaa kompiitarri hamma maqaa isaa olitti tajaajila amanuuf rakkisoo ta’an kennuu irratti argama. Kuniis kalaqa garaagaraa yeroo yerootti argamee fooyya’aa deemuu isaa irraan kan ka’eedha.

✅ Akka afaan teeknooloojii yeroo ammaatti kompiitara jechuun ajaja namaa ykn ajaja program fudhachuun kan dalagaa barbaadame dalaguudha.

Fakkeenyaaf: sanada barreessuuf, herrega shallaguuf, fakkii kaasuuf, interneetii fayyadamuuf, game taphachuuf fi kkf ajajamee hojjechuu ni danda’a.

kompiitarri hunduu hojiiwwan wal fakkaataa ta’e afur (4) hojjeta.

  1. Input fudhachuu.
    ✅ Input device kanneen akka keyboard, mouse, touchpad, camera, microphone, sensors fi kkf fayyadamuun qaama alaa irraa Input fudhachu danda’a. Akkasumas ittiin dalaga.
  2. Store gochuu.
    ✅ Daataa (faayila) fi information ykn odeeffannoo adda addaa hard drive irratti kuusuu ykn ol kaa’uu danda’a.
  3. process gochuu
    ✅ Input device irraa Input dhufe CPU’n process godha. Kana jechuunis calculation barbaachisu dalaguun waan kuufamu qabu taanaan hard drive irratti kuusa, wanta screen irratti display ta’u taanaan immoo memory irra kaa’uun achi irraa gara screen tti erga.
  4. Output kennuu
    ✅ Output device kanneen akka Screen, speaker, printer fi kkf fayyadamuun odeeffannoo keessoodhaa ergame gara alaatti baasuu.

➡ Egaa jarreen kun arfan dalagaalee kompiitarri kamiyyu dalagudha.

✅ Kompiitarri tokko dalagaa barbaadame kana raawwachuuf qaamota bu’uuraa gurguddoo 3 of keessaa qaba.

  1. Hardware
    ✅ Qaamota keessoo kompiitaraa kanneen akka:
    Hard Drive, RAM, MotherBoard, Sound card, Video card,
    CPU fi kkf fi Akkasumas qaamota alaa kanneen akka Screen, Keyboard, CD/DVD ROM, Mouse fi kkf qaba.
  2. Programs
    ✅ Wantoota harkaan tuttuquu fi qaqqabuu hin danda’amnedha.
    Fakkeenyaaf: kan sanada irratti barreessinu, kan ittiin shallagnu, kan ittiin interneetii fayyadamnu, kan ittiin fakkii kaasnu fi kan kana fakkaataniif kan nu fayyadanidha.

✅ Akkaataa fedhii keenyaatiin Program kumaan lakkaa’amantu jiru. Program kompiitaraa hundumtuu maqaa waliiniitiin ‘software’ jedhamanii waamamu. Sooftweeriin kamiyyuu harkaan kan tuttuqamuu danda’u miti.
Fakkeenyaaf: Ms word/Excell, Adobe photoshop, Filmora, Chrome, Mozilla fi kkf fa’idha.

  1. Operating System
    ✅ Qaamni kompiitara bu’uuraa tokko ‘Operating system’ jedhama. Hiikoon isaa “Akkaataa (sirna) dalagaa” jechuudha. Operating system’n qaamota alaa fi sooftweerota madaalee kallattii tokkorra wal faana kan deemsisudha.

✅ Operating system’n nama kompiitaratti fayyadamuu fi koompiitara sana gidduutti akka riqichaatti tajaajila.
Fakkeenyaaf: Windows, Mac, Linux fi kkf operating system jedhamu.

➡ Egaa Kompiitarri tokko sirnaan hojjechuuf qaamota bu’uuraa kanneen sadan kallattii tokko irratti ijaaramanii wal ta’uun hojjechuu qabu.

Waan dubbistaniif galatoomaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *