Eenyummaa kee gama intarneetaan dhoksuuf wantoota gochuu qabdan.

✅ Yeroo ammaa kanatti eenyummaa ofii internet irratti dhoksuun baay’ee gaariidha. Kaampaaniiwwanii fi namoonni dhuunfaa tokko tokko eenyummaa kee hatuun dhimma adda addaatiif itti fayyadamuu danda’u. Kun immoo sirratti miidhaa geesisuu danda’a. Sababa kanaafis tahee; kanneen biroo hedduuf eenyummaa kee kan internet irraa dhoksuun baay’ee barbaachisaadha.

✅ Kanaafuu, Karaalee armaan gaditti barreeffaman kanneen fayyadamnee eenyummaa keenya kan interneetii irraa dhoksuu ni dandeenya jechuudha. Karaaleen kunneenis akka armaan gadii kanadha.

1) Miidiyaa hawaasaa ykn social media kamiinuu keessaa bahii/logout/ godhii, Cache balleessi. Cache yeroo hedduu web browser keessatti kuufama. Cache keessatti odeeffannoolee kee kan akka IP address waan keessatti kuufamuuf; kaampaaniiwwanis haa ta’uu; namni dhuunfaa tokko akka salphaatti faana kee dha’uu danda’a. Kanaafuu; web browser keessan keessaa cache balleessaa!!

2) Proxy fayyadamuu

✅ Pirooksiin too’annoo sadarkaa lammaffaa irra kaa’amudha. Pirooksii fayyadamuudhaaf sooftiweerii addaa isin hin barbaachisu; qajeelumatti; gara marsaa isaanii deemuudhaan; website barbaaddan keessatti barreessuudhaan fayyadamtu. Marsaalee muraasa tajaajila proxy isiniif kennan google irra barbaaduudhaan itti fayyadamuu dandeessu.

3) TOR fayyadamuu

✅ TOR sooftiweeriidha. IP kee dhoksuudhaan; marsaalee kamiiyuu akka ati fayyadamtu godha. Innis akka proxy tti tajaajila siif kenna. TOR’n browser irra search gochuudhaan, buufachuun itti fayyadamuu dandeessu.

4) VPN fayyadamuu

✅ VPN’n dhoksituu eenyummaa keetii isa guddaa fi ol’aanaadha. Ogeessota, ogummaa gahaa qabaniin waan saganteeffameef; biyyoota adunyaa kamiinuu keessattuu ni hojjata. Isinis; VPN; gaarii ta’an hedduu isaanii play store ykn google irra barbaaduun buufachuudhaan; itti fayyadamuu dandeessu jechuudha.

✅ Karaaleen kunneen hundi eenyummaa keessan interneetii irratti dhoksuu isin dandeessisu, itti fayyadamaa! Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *