Hattoonni Account keenya Ergaa gabaabaa ykn SMS fayyadamuun (SMS pishing) hanna nurratti gaggeessuu danda’u, kun immoo password social media nuti fayyadamnuu salphaatti argachuu danda’u, kanaaf SMS Pishing fayyadamuun karaalee kanneen gadii kanaan password ykn lakkoofsa icciitii keenya itti hatamuu danda’u.
Method kana fayyadamuun, password ATM; Imeelii; Facebook, kkf lakkoofsa dhoksaa ykn password salphaatti hatamu danda’a.
SMS Phishing salphaatti SMS sobaa ykn Fake SMS siif erguun salphaatti isin miidhuu danda’u.
Fakkeenyaaf: Mee mala kana fayyadamuun akkamitti Facebook Account keessan hatuu akka danda’an haa ilaallu.
1. Fuula Facebook seenuun Forget Account kan jedhu cuqaasu.
2. Username keessan fayyadamuun verification number ykn Lakkoofsi Mirkaneessaa akka ergamu gaafatu, Facebook immoo verification number gara keessanitti isiniif erga.
3. Lakkoofsa Bilbila Sobaa (Fake phone number) fayyadamuun ergaa gabaabaa (SMS Phishing) mataa isaanii isiniif ergu.
Fakkeenyaaf: SMS isaan isiniif ergan Facebook Account keessan caalaatti akka secure ta’u yoo feetan jechuun verification number dijiitii 6 isinitti dhufe deebiftanii akka ergitaniif isin gaafatu.
Dhaabbata Facebook irraa
️Hubachiisa: Kan isiniif ergamu Afaan Engiliffaatiin ta’uu danda’a. Akkasumas, ergaa gabaabaa baay’ee dhugaa fayyadamu waan ta’eef biyya barbaadan filattanii lakkoofsa mobaayilaa fayyadamuu danda’u, kanaaf salphaatti erguu danda’u.
4. Verification number digit 6 nuuf ergame, itti ergine jechuun BOOM Facebook Account keenya lammata argachuu hin dandeenyu jechuudha.
Akeekkachiisa: Lakkoofsa bilbilaa kamiinuu ykn biyya kamirraayyuu… Gaaffii akkan armaan olitti ibse yoo si gaafatan ergaa gabaabaa tokkollee hin erginaa.
Galatoomaa, Hiriyyaa keessaniif Share godhaa.