Loogoo hojjechuudhaaf waantotni nu barbaachisan program adda addaa fi application nu fayyadan hedduu qabaachuu fi beekuudha. Isaan keessaa garuu baayee beekamaa fi bal’aa kan tahe
- Adobe Illustrator dha.
Adope Illustrator akkuma adope photo shop wal fakkaata. Namni adope photo shop beekee fayyadamu sanas hin wallaalu salphaatti hojjechuu kan danda’uudha. Adope Premiere loogoo hojjechuu qofaaf osoo hin taanee viidiyoollee bifa ammayya’aa ta’een akkasuma intro viidiyoo keenyaatiif baayee murteessaa kan ta’eedha. Namootni muuxannoo guddaa adope irratti qaban hedduun hojiillee loogoo fi intro qofa hojjechuufillee osoo hin taanee miindaadhaan qacaramuudhaan hojjechuu danda’u.
- KineMaster dha
Kinemaster akkuma beekamu fayyadamtoota hedduu miliyoonaan lakkaa’aman qaba. Application kana kan inni hojjetu mobaayila keenya irrattiidha, KineMaster waantota hedduu nuti ittiin viidiyoo keenya edit goonu hedduu ofiirraa kan qabuudha. Kinemaster akkasuma viidiyoo edit gochuu, intro fi outro akkasuma loogoo keenyallee ittin hojjechuu kan dandeenyu waan hedduu ofirraa kan qabuudha. Kinemaster garuu kompiyutera keenya akka application kaanii hojjechuu hin danda’u. gosa mobaayila kamu irratti nii hojjeta. Kanaaf viidiyoo sirreessuu fi kkf haala bareedaa ta’een hojjechuudhaaf kan nu fayyadu application baayee filatamaadha.
- Blender
Blender baayee bal’aa fi haala salphaa ta’een kan bira ga’amu tahuu dhiisuu mala. Yoo xiqqaatee leenjii torbanoota lama sadii olii kan nama gaafatu garuu waan hedduu babbareedoo, keessumaa technolojii ammayyaa kan ta’e gosa cryptocurrency NFT jedhamu jedhamu hojjechuf addunyaa guutuun dhimma itti ba’aa jirtuudha. Blender loogoo hojjechuu qofa miti animation haala babbareedaa ta’een intro YouTube keenyaa akkasuma suurawwan kan durii dulloomanillee deebisanii haaressuudhaan ittiin hojjechuudhaaf guyyaa guyyaatti waan haara’aa deemuufis hamma namni yaaduun ol kan ta’e baayee bal’aadha.
Application kanaan namootni miliyoonera ta’an hedduutu jiru kunis NFT (Non-Fungible Token) kan jedhamu bifa adda addaatiin miliyoonaan lakkaa’amu irratti hojjechuudhaan gabaatti kan dhi’eessan ji’oota muraasa keessatti qarshii guddaa miliyoonaan lakkaa’amu kan argataniidha. Dhugaa dubbachuf garuu yeroo ofii itti kennuudhaan barnoota isaa baratanii waan hedduu irratti hojjechuudhaan kanneen miidiyaalee adda addaa TV qaban irratti miindeffamuudhaan hojjechuun nii danda’ama.Namni kana irratti muuxannoo gaarii qabu hedduu nii barbaadama. Maallaqaan bituu hin barbaachisu bilisa.
- FlixPress
FlixPress teempleetii adda addaa babbareedoo kan qabu logo animation garaagaraa, YouTube Intro, miidiyaalee hawaasaa adda addaa irratti kan gadhiifamu vidiyoo gaggabaaboo fi kkf hedduu kan ittiin hojjechuun danda’amuudha. Keessumaa YouTube keenya irratti viidiyoo intro hojjechuudhaaf kan nu fayyadu haala baayee bareedaa ta’een hojjechuu dandeenyuudha. Baayee salphaadha tempeleetii ofii isaatii of irraa qabuun kan hojjennuudha. Flixpress irratti waantoti nuti hojjechuu dandeenyu logo kanneen akka 2D, 3D fi kkf hojjechuu dandeenya garuu kanneen maallaqaan bitanis jiru kana gaafa jennu free tempeleetiin jira haga Sanaa ga’uu baatus loogoo animation dinqisiisoo hojjechuu kan dandeenyu online qofaan kan nu fayyaduudha.
- PixelLab
PixelLab loogoo qubeedhaan ykn barreeffamaan haala dinqisiisoodhaan hojjechuu kan dandeenyuudha. PixelLab mobaayila keenya irratti Application kana haga ammaatti namni miliyoonni shantamaa ol itti fayyadamaa jira. Bifa bareedaa fi halluu nama hawwatuun kan hojjetamu application baayee filatamaa loogoo hojjechuuf nu fayyaduudha.
Egaan online irratti animation hojjechuu kan dandeenyu qulqullina gaarii kan qaban ni jiraatu garuu bilisa miti. Kanneen olitti isiniif himne kanatti dabalatee hedduu argachuu dandeenya garu sadarkaa duraatti beekamoo kan ta’an isaan kanaadha.