Ulfa daa’ima malee(hawaasa keessatti ulfa seexanaa (jinnii) jedhamee kan waamamu)
Ulfi daa’ima malee(complete molar pregnancy) jechuun dubartiin tokko ulfooftee akkuma ulfa kaaniitti garaan ishee guddataa deemee daa’imni yeroo keessa hin jirre jechuudha. Rakkoon kun dubartoota ulfaa 1000 keessaa 1 irratti ni mul’ata jedhama.
Dhuguma seexanaan ulfooftii?.
Ulfa kun kan uumamu hanqaaquun dubartii duwwaa tahe yeroo sanyii dhiiraa tokko ykn lamaa olii waliin walitti dhufee fartilaayizeeshiniin uumamu jechuudha. Kana keessatti kiroomoosoomii dhiiraa/abbaa qofatu baay’ataa(dachaa taha jechuudha).
Yeroo kana gadameessi dubartii miciree/qaama daa’imaa malee tishuuwwan biraan guutamee guddachaa deema jechuudha.
Ulfi kana keessatti akkuma ulfa kaanii gadameessi guddachaa deema. Even guddinni gadameessaa dubartoota ulfa kana qabanii ulfa sirriirra guddaa tahees ni argama.
Rakkoon kun bal’inaan biyya keenya keessatti argaa jirra. Kanaaf dubartiin tokko yeroo dahumsaa hordoffii yeroo ulfaa keessaayyuu qorannoo altiraasaawundii gochuu qabdi.
Ulfi kun yeroon yoo hin baane rakkoo garaagaraaf saaxiluu waan dandahuuf mana yaalaa deemuun ulfa kana ofirraa baasisuun barbaachisaadha.
Fayyaa hin dhabinaa.