Free Giveaway

Wal Dorgommii Badhaasa Qarshii Kuma Dhibba Tokko (100,000) Artistootaaf!

Artistoota Isin suura isaanii argitan kun, Artistoota Itoophiyaa keessatti beekamtii qabanii fi saba isaanii cinaatti jaallatamummaa guddaa qabanidha. Maqaa isaaniis akkuma hedduun keenya beeknu.

Weellistoonni kunneen hundi saba isaaniif hojii bareedaa fi boonsaa dalagaa turaniiru! Haa ta’uu malee nus Weellistoota arfan kanneen keessaa nama carraa qabeessa ta’ee fi filannoodhaan hunda caale argame badhaasuu barbaanna!

Sababni nuti badhaasa kana qopheessineef, Artistoota hojii bareedaa hojjetan akkasiif haamilee ta’uu waan barbaannuuf, fedha isaanii gaafannee badhaasa kana qopheessuu feenerra. Isaanis tole jechuun irratti walii galanii waan jiraniif maxxansa kana maxxansineerra.

Akkuma Jalqaba isiniif katabne, Nutis Weellistoota kanneen keessaa nama tokko kan sagalee Filannoo (Vote) caalaa argateef badhaasa qarshii kuma dhibba tokko (100,000) badhaasuuf qopheessinee jirra.

Badhaasa kana injifachuuf Weellistoota kanneen irraa wanti eegamu social media ofii fayyadaman irratti share gochuudhaan jaallattoonni isaanii maqaa isaanii filachuudhaan, vote gochuu akka qaban himuun dirqamadha. Akkasumas jaallattoonni isaanii maxxansa kana social media ofii fayyadamanii fi group adda addaa keessatti link maxxansa kanaa qooduun, weellisaa isaan jaallatan kun akka injifatu gochuu danda’u.

Badhaasni kun guyyaa 5 qofaaf qilleensa irra kan turu yoo ta’u, Haala armaan gadii kanaan, Har’a September 7, 2022 irraa kaasee hamma September 12, 2022tti vote fi share gochuu dandeessu. Vote gochuuf immoo Poll dhuma barreeffama kanaa jiru fayyadamuun maqaa artistii filattan tuquun, vote gochuu qofaadha.

CARRAA GAARII!

MAQAA ISAANII IRRA TUQUUN (VOTE) GODHAA