✅
Dhimmi waa’ee Facebook butamuu kun dhimma namoota hedduuti. Kanaaf akkamiin akka irraa of eeguu dandeenyuu, yoo xalafamee jiraate, akkamiin akka of irraa akka kaasuu dandeenyu step armaan gadii kana keessatti argattu.
Steppiwwan isaaniis akka armaan gadii kanadha. Facebook keessan keessa erga seentaniin boodaa! Menu seenuun!
1) Settings fi Privacy iddoo jedhu tuqi,
2) Settings kan jedhu tuqi,
3) security kan jedhu tuqi,
4) Security & Login kan jedhu tuqi,
5) where you are logged in as keessatti, Bakka itti seentan bilbila harkaa ykn kompiitara akkamii akka fayyadamtan, bakka fi biyya, browser ykn application akkamii, yoomii fi guyyaa kam dura akka banattan isinitti agarsiisa. Garuu Active now, jedhee magariisaan barreeffamee, waan amma banatte sitti hima. Yoo session armaan gaditti tarreeffame argitanii fi kan keessan hin taanee fi shakkii keessa galtan, Logout All Sessions isa jedhu gara jala jiru sana cuqaasuun ofii keessanii logout gochuun bahuu qabdu.
✅ Hakii ta’uu kee ykn xalafamuu kee yoo shakkite, hatattamaan jecha icciitii / password kee jijjiiruu qabda.
✅ Lakkoofsa tartiiba shanaffaa cinaatti, ykn where you are logged in kan jedhu bukkeedhaan login kan jedhu bukkee change password kan jedhu cuqaasi, current password /jecha icciitii ammaa fi New Password / Jecha icciitii Haaraa itti galchuun, save changes kan jedhu cuqaasaa! Kanumaan xumurtan jechuudha!
✅ Akkasumas, achuma keessaa waanti guddaa isin fayyadu, Two Factor Authentication kan jedhu yoo ON gootan baay’ee gaariidha. Kun On ta’uun isaa, namni tokko password account Facebook keessanii yoo beekellee security code bilbila keessaniif ergame yoo beeke malee bananii itti fayyadamuu hin danda’an. Kanaaf akka lakkoofsa bilbilaa keessan waliin wal qabsiiftan isin gorsina. Yeroo barbaaddanittis of gochuu ykn dhaamsuu dandeessu!
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!