Akkamitti Pattern ykn Password bilbila Daganne tokkoo osoo file hin ballessiin banuu dandeenya?

✅ Namoonni tokko tokko password ykn pattern bilbila isaanii dagatanii, yerootti faayila achi keessa jiruuf dhiphatan nii argina! Haa ta’u malee furmaata baay’ee salphaa fi bilbila keenya pattern ykn password isaa yoo daganne, karaa ittiin banuu dandeenyu isinittan hima.
Haala armaan gadii kanaan na hordofaa.

Kana gochuuf Jalqaba irratti waan tokkottu nu barbaachisa innis:

✅ Memory card fi bilbila kan nama biraa tokko nu barbaachisa. Erga memory fi bilbila biroo argannee booda.

Tartiiboota armaan gadii hordofa.

1ffaa: jalqabaa bilbila biraa sana irraatti google chrome irraa App(zip) Aroma File Manager Kan jedhamu Buusuu (Download) gochuu qabna.

2ffaa: App(zip) Aroma File Manager Buusne Sana gara Memory card bilbilichatti galchineetti copy godhuu qabna.

3ffaa: Amma Memory sana gara bilbila banuuf barbaannu sanatti galchuun, power Off/On ( button bilbila kan ittiin bannu ykn cufnuu) fi volume + (sagalee dabaltuu) yeroo tokkotti tuquun yeroo inni nuuf bahu, filannoowwan jiran keessaa Stock Recovery Mode kan tuqna.

4ffaa: Itti fufee, Filannoowwan isiniif dhufan keessaa Install Zip from SD Card kan jedhu tuquun Ok /Allow jedhaa.

5ffaa: Install godhee erga fixee booda ofii isaatiin recovery mode bana.

6ffaa: Amma Aroma File Manager ‘n gara Setting seenaatii Automount all divice kan jedhu tuquun ba’aa.

7ffaa: Amma lammata seenuun step 5 fi 4 irra deebi’uun raawwanna.

8ffaa: Aroma banatanii gara Data folder >> system folder >>> seenaatii gesture.key ykn password .key godhaa.

9ffaa: Erga argitanii booda Delete godhaa. Amma immoo power button Tuquun Reboot/Restart godhaa.

10ffaa: Amma Passwod ykn Pattern Haaraa akka galchinuuf nu gaafata, pattern ykn password haaraa kan hin daganne itti galchinee booda, nuuf banamee fayyadamuu eegalla jechuudha.

Erga nuuf banamee booda faayiloota keessan hunda yoo seentanii ilaaltan keessa jira jechuudha. Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *