Fayyadamtoonni Feesbuukii bara kana baroota darban caalaa dachaadhaan dabalaa dhufaniiru. Akkuma kanas gariin namootaa account Facebook namaa miidhuudhaaf halkanii fi guyyaa taaraa jiru. Kana nama ajaa’ibu Facebook namaa miidhuudhaan namoonni madda galii argatanii jireenya Dhuunfaa isaanii ittiin gaggeefatan danuudha. Sababa kanaaf miidhaa hattoonni kunneen geessisan irraa Facebook keessan eeguuf, wantota kana beekuun dirqamadha.
1) Nageenya jecha icciitii/darbii (Password) keessanii mirkaneessuu. Kana jechuun:
➕ Akkaawuntii Facebook keessan tajaajila online biroo kamiifuu hin fayyadaminaa;
➕ Jecha icciitii/darbii (Password) keessan gonkumaa nama biraatiif hin qoodinaa;
➕ Jechi darbii ati fayyadamtu tilmaamuun rakkisaa ta’uu qaba, maqaa kee, lakkoofsa bilbilaa kee fi jechoota beekamoo ta’an gonkumaa kan of keessaa hin qabne ta’uu qaba;
➕ Jecha darbii keessan, Email, lakkoofsa bilbilaa ykn guyyaa dhalootaa kee gonkumaa fayyadamuu hin qabu;
2) Odeeffannoo marsariitii ykn website daawwachaa jirtuu gonkumaa hin qoodinaa. Kana jechuunis:
➕ Hattoonni Feesbuukii Haleellaa fuula sobaa Facebook fakkaatu uumuun teessoo E-mail fi jecha icciitii keetiin akka seentu si gaafachuu danda’u;
➕ Yeroo hunda sirrii ta’uu URL marsariitii daawwachaa jirtu mirkaneessi; Yeroo shakkitan, barruu barbaachaatti ykn search bar irratti www.facebook.com barreessuudhaan gara fuula Facebook isa qabatamaatti deebi’uuf yaalaa; yoo Fb Lite fayyadamtu ta’es of eeggannoon barbaachisaadha;
➕ Keessattuu odeeffannoo icciitii waa’ee account keessanii yoo qabaate, E-mail Meta ykn Facebook irraa dhufu nama biraatiif gonkumaa hin qoodinaa;
➕ Beekumsaa fi hubannoo haleellaa phishing fi eegumsa jecha icciitii cimaa irratti qabdu yeroo hunda fooyyessuu;
3) Kompitara ykn bilbila keessan nama biraaf yoo ergistan akkaawuntii Facebook keessan keessaa bahuu hin dagatinaa.
➕ Kompitara ykn bilbila keessan osoo hin cufin ykn nama irraa ergifattanii Facebook keessan login gootanittu yoo ta’e illee akkamitti Fageenya irra taa’uun /log out remotely/ keessaa bahuu akka dandeessan baradhaa;
➕ Kompitara fageenya irraa qaama biraaf liqeessite keessaa ba’uuf, yeroo Facebook “Security and Login Setting” seentan, tarree meeshaalee kanaan dura itti seentan isiniif kenna, akkasumas bahuu dandeessu meeshaa barbaadde irratti ajaja “Logout” jedhu dhiibuudhaan;
4) Namoota hin beekne irraa gaaffii hiriyaa hin fudhatina ykn friend request, accept hin godhinaa.
➕ Haakeroonni akkaawuntii sobaa uumuun namoota kiyyootti galchuu danda’u;
➕ Account sobaadhaan add isin godhaanii, Michuu haakerootaa waan ta’aniif sarara yeroo Feesbuukii keessan faaluu, dhimmoota adda addaa fuula fb ykn Timeline irratti qooduu ykn ergaa hamaa inbox keessan keessatti isiniif erguu danda’u;
5) Software hamaa irraa of eeguu.
➕ Softiweeriin hamaan kompiitara, sarvarii ykn neetworkii kompiitaraa miidhuu danda’a;
➕ Amala kompiitara ykn meeshaa dhukkuba kanaan qabamee fi akkaataa malware akkasii itti balleessitu irratti beekumsa qabdan guddisuu;
➕ Yeroo hunda browser keessan haaromsuu, appii shakkisiisaa fi beeksisa browser keessan balleessuu;
6) Hiriyyoota ykn jaarmiyaalee beektan irraa yoo isiniif ergamellee linkii shakkisiisaa banuu irraa of qusadhaa.
➕ Kunis hidhannoowwan/Links/ karaa Feesbuukii ykn E-mail ergaman ta’uu danda’u;
➕ Facebook ykn Meta gonkumaa karaa Email jecha icciitii akka galchitu akka si hin gaafanne beekaa;
➕ Gochi shakkisiisaan yeroo isin mudatu battaluma Feesbuukiitti gabaasuu; ykn report it.
7) Tarkaanfiiwwan nageenyaa dabalataa hojiirra oolchuu;
➕ Teessoo fi qaamota hin beekamne irraa akkaawuntii keessanitti seenuuf yeroo yaaliin godhamu waa’ee seensaa hin beekamne akeekkachiisa argachuu; ykn get alerts about unrecognized logins godhaa.
➕ Mirkaneessuu lammaffaa /up to factor authentication fayyadamaa.
• Gargaarsa fi Deeggarsa ( Help & support ) Facebook seentanii daawwachuudhaan dhimmoota nageenya biroo irratti hubannoo keessan yeroo yeroon fooyyessuu.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa.