Mee Dargaggeessa mootii Tiktok ta’uun beekame kana beektuu?

Tiktoker addunyaa irratti beekamaan kun eenyu?
Maaliif beekama?

✅ Kaabii Laamee biyya Afrikaa Lixaa Senegaal keessatti dhalate. Amma garuu Xaaliyaanii jiraata. Kaabii Laameen Amajji 22 bara 2020 keessa TikTok fayyadamuu eegale; Yeroo koronaa vaayirasiin addunyaa rukute innimmoo TikTok rukute.

✅ Yeroo weerarri koronaa vaayirasiin addunyaa akka malee rukute warshaa keessa hojjachaa ture keessaa hojii irraa ari’ame. Kaabiin kallattiin gara maatii isaatti qajeelee, Osama Hojii biraa argadha jedhee yaadee eeguus; guyyaa guyyaan Tiktok irratti viidiyoo maxxansuu eegale. Sana booda viidiyoo isaa kolfaa akkaawuntii TikTok isaa irratti yeroo qoodu maqaan isaa addunyaa guutuutti beekamaa ta’e. Gochi koo kun namoota hedduu irratti dhiibbaa qaba jedhee waan yaadu hin fakkaatu ture.

✅ Senegaal keessatti kan dhalate Kaabii Laamee (Kabhy Lame) Tiktoker addunyaa irratti sadarkaa olaanaa irra jirudhas.

✅ Dhalataan Senegaal Kabhy Lame yeroo ammaa lakkoofsa hordoftootaan Tiktok irratti ol’aantummaa guddaa qaba.

✅ Dargaggeessi ganna 24 kun Tiktok irratti jecha tokko osoo hin dubbatin ilaalcha isaa qooduun TikTokers Ameerikaa caalee jira.

✅ TikTok irratti beekamtii jabaa namni qabuu fi hordoftoota guddaa kan qabu ture, nama lammii Ameerikaa kan ta’e Chaarlii Di’aa kan jedhamu ture.

✅ Haa ta’uutii record qabamee ture sana kan cabsee fi beekamtii cimaa kan argate Lame’n yeroo ammaa hordoftoota miliyoona 149 kan qabu yoo ta’u, Sadarkaa 1ffaa qabatee jira, Charl Di’a’n immoo hordoftoota miiliyoona 146 qabaachuun itti aanee jira.

✅ Adoolessa bara 2020 irraa eegalee charl di’an hordoftoota miliyoona 100 ol qabaachuun TikTok irratti Mootii ta’ee ture.

✅ Lamen waltajjii Tiktok itti kan makame, yeroo biyya Xaaliyaanii keessatti weerarri koronaa vaayirasiin seene sana sababa vaayireesichaan hojii irraa ari’ameetudha.

✅ Yeroo sanatti yeroo addunyaan weerara vaayirasii koroonaaf harka kennattu Kabhy lamen vaayirasii kanaan qabamuun hojii isaarraa ari’ame. Kanaaf manatti galee balbala cufee moobaayila isaa kaasee tuttuquu eegale.

✅ Kutaa ciisichaa isaa cufame keessatti Tiktok harka banuudhaan isa simatte. Namoonni waan gar-malee walxaxaa hojjetan yeroo argu jecha tokko osoo hin dubbatin akkamitti akka salphaatti waan tokko akka furan agarsiisuudhaan beekamaa ta’e.

✅ Har’a ummanni ganda TikTok maqaa isaa quufuu hin danda’u, dargaggeessa waan hojjete hundaan faarfamee dhaabota idil addunyaatti affeerameedha. Mootiin addunyaa TikTok kun akka hiriyyoota isaa biroo TikTok irratti shubbisee hin mul’atu. Dhugaa dubbachuuf qaama shubbisaa isaaf waan ajajamu hin fakkaatu. Hin sirbu. Tapha barreessuudhaan xiyyeeffannaa namoota biroo hawwachuuf hin yaalu.

✅ Sagalee fi gocha namoota biroo fakkeessuuf ija jabaatee hin mul’atu. Inni salphaatti wal-xaxiinsa uumama namaa tuffata. Akka waan hin taaneetti. Viidiyoo inni TikTok irratti maxxansu salphaa fi gabaabaadha.

✅ Qeeqni inni dhiheessu afaanfajjii miti; gocha salphaa tokkoon ibsa. Viidiyoo namoonni wantoota salphaa taʼan karaa walxaxaa taʼeen hojjetan agarsiisuudhaan, gocha wal fakkaatu karaa salphaa fi ifa taʼeen argisiisa. Sana booda harka isaa raasee mataa raasee xumura.

✅ Animeeshiniin kun akkaataa namoonni sababa dhugaa tokko malee wantoota wal xaxaa taasisan agarsiisuu irratti xiyyeeffata. Akka inni jedhutti namoonni addunyaa mararra jiran viidiyoo isaa kan jaallatan sababa fuula isaa kolfaa guddaa ta’een agarsiisuufi. Kan biraan immoo yaada isaa hubachuuf afaan tokko beekuun ykn dubbachuun akka hin barbaachifne ibsa.

✅ Kaabii laameen deeggaraa ykn dinqisiifataa kubbaa miilaa yoo ta’u, viidiyoo isaa keessatti tiishartii kilabii ispoortii uffachuun mul’ata. Deeggaraa ykn namoota inni dinqisiifatu Juventus Kabhy, Edi Marf fi Wil Ismiz, urjiilee Hollywood inni dinqisiifatu keessaa tokko dha.

✅ Yeroo ammaa kana garuu Addunyaa guutuutu isa ajaa’ibsiifata!

Waan Dubbistaniif Galatoomaa Hiriyyaa keessaniif Share godhaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *